Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa, Irreechaf Dhamsa Dabarsaniiruu...
Biiroon Fayyaa Oromiyaa kabaja Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee qophii hojii fayyaa xumuree jira.
Biiroon fayyaa Oromiyaa kabaja ayyaana Irreechaa bara 2016 sababeeffachuun qooda fudhattoota waliin sagantaa marii qopheessee jira.
Sagantaa kana irratti Hoggantoonni minsteera fayyaa Federaalaa, Biiroo fayyaa Bul. Magaalaa Finfinnee, seektaroota qindoominaa, Abbootiin Gadaa, Haati Siinqee, qeerroo fi qarree akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu argamanii jiru.
Hoogganaan biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Mangistuu Baqqalaa sagantaa kana irratti argamuun haasaa taasisaniin ayyaanni Irreechaa ayyaana uummanni Oromoo tokkummaan gammachuu isaa itti ibsatu ta'uu ibsanii jiru.
Hawaasni keenya yeroo ayyaana kana kabaju dhukkuboota daddarboo kanneen akka haqqee fi garaa kaasaa sardaa (Koleeraa), busaa fi HIV/AIDS tiif akka hin saaxilamne ofeeggannoo barbaachisu taasisuu akka qabu kaasanii jiru. Itti dabaluun namoonni dhibeewwan daddarboo hin taane kanneen akka dhukkuba dhiibbaa dhiigaa, Sukkaaraa fi Asmii qaban yeroo ayyaana kana kabajuuf deeman qoricha ogeessa fayyaatiin isaaniif ajajame osoo hin dagatin fudhachuu akka qaban eeranii jiru.
" Sister Saaada Ahmed Directora Barnoota Fayyaa fi Kominikeeshiinii Akka jedhanitti
Dhibeewwan daddarboo fi rakkoowwan fayyaa biroo irraa of-eeguudhaaf
Harka bishaanii fi saamunaan dhiqachuu, mana fincaanitti sirnaan fayyadamuu, bishaan dhugaatii qulqullinii isaa eegame, soorata bilchaatee fi yeroon isaa itti hin dabarre fayyadamuu akka qaban kaasanii jiru.
Itti Ansuudhan Sister Sa'aadan Dhamsa Dabarsaniruu
Kana malees, naannoo iddoo Irreechaa qulqullina isaa eeguu keessatti manneen fincaanii socho'aa qophaa'anitti fayyadamuun barbaachisaa ta'uu kaasanii jiru. Kabaja ayyaana kanaaf dhufanii namoonni rakkoon fayyaa isaan mudate yoo jiraatan wiirtuuwwan yaalaa qophaa'anitti dhaquun bilisaan garaa kaasaaakka yaalamaan dubbatanii jiru.
Dhumarrattis fayyaan turree bara dhufus irreeffachu bara kana fayyaa keenya eeggachaa haa irreeffannu dhaamsa jedhu dabarsanii jiru.
Deetaa ministeera fayyaa federaalaa Dr Darajjee Dhugumaa gama isaaniitiin akka jedhanitti ayyaanni kun kan sabaa fi sablammii biyya keenyaa bira darbee akka addunyaatti kan irratti hirmaatan ta'uu kaasanii jiru. Milkaa'ina ayyaana kanaatiifis ministeerri fayyaa federaalaa biiroo fayyaa Oromiyaa fi biiroo fayyaa bulchiinsa magaalaa finfinnee waliin ta'uun wiirtuuwwan yaalaa fi kilinikoota socho'aa meeshaa yaalaan guutaman qopheessuu kaasanii jiru.
Kana malees namoonni dhukkuboota garagaraatiif qoricha fudhataa jiran qoricha isaanii dagannaa malee fudhachuu akka qabanii fi balaa konkolaataa mudachuu danda'u irraa ofeeggannoo taasisuu akka qabanii fi hirmaattonni irreechaa maanguddootaaf dursa akka kennanii fi eeggannoo taasisan dhaamanii jiru.
Hirmaattonni sagantichaas yaada kennaniin hojiin fayyaa hojii seektara tokkoo qofa osoo hin taane gahee qaama hundaa waan ta'eef hawaasni keenya nagaan irreenfatee fayyaan akka galuuf gahee keenya ni baana jedhaniiru.
Fulbaana 23 bara 2016 Finfinnee
Odeefannoo Dabalataf Twitter Follow godhaa
https://twitter.com/AbdiAminBaker/status/1709569248064836066?s=19
https://www.facebook.com/100044385967905/posts/876520920504099/?app=fbl
Comments
Post a Comment