SEENA ARTIST HALLOO DAWWEE
SEENAA GABAABAA ART. HALOO DAAWWEE
Artiist Haloo Daawwee Wallistuu fi Qabsooftu miirga dhala namaa kan taate Hangafa Artistoota Oromoo adda durummaan eeraman keessaa tokko dha.
https://www.youtube.com/live/W6J8YISu1po?si=J29lkP-HW20KJB4-
Magaalaa Dirree Dhawaatti dhalattee kan guddatte weellistuu Haloo Daawwee umrii ishee wagga 15'tti gara hojii aartiitti kan seente. Guddina aartii Oromoof aarsaa guddaa nama kafaltee dha. Waggoota 40 oliifis sirboota adda addaa dhuunfaadhaan kaaseeta 10, kan namoota waliinii kaaseeta 13 walumaagalatti sirboota kaaseeta 23 tahan nama hojjatte dha. Yeroo sanatti magaala Dirreedhawaatti baandii Afran Qalloo booda kan hundaa’e 'Hawwisoo Biiftuu Biyya Teenyaa' jedhamu keessatti sirba jalqabde. Sirnoota darban keessatti dhiibbaan Afaan Oromoo irra gahu hojii aartii kana keessa akka seentee. Gaafa "Afaan Oromoo Raadiyoo cabsa jedhamee sanatti, nama animmoo mee akkuma inni cabsun ilaala jedhee sirbatti seente fi aartii keessatti guddate dha.
Haloo Daawwee wallistuu Oromoo wayita Afaan Oromoo dubbachuun saalfii /qaanii/ ture, afaan isheetiin boontee, waltajjitti baatee eenyummaa saba Oromoo mul’suu keessatti qooda guddaa bahaa turteedha. Ummata Oromoo jaalachuu fi kabajuun kan beekamtu Haloon, jireenya ishiis waanuma jaalattuu fi kabajju irratti nama dabarsees turte.
Waltajjii argamtu irratti ummata bohaarsuu fi daa’imann hammattee mararsiifachuun fakkeenya gaarii ta’un illee akka beekamtu kanneen dhiyeenyatti beekan kan ragaa bahanii dha.
Artiisti Haloo Daawwee weelluu;-
"Walhora Warra Keessanii Teessumni Guddoon Shagarii,
Baabura Yaabbadheen Dhufaa Na Eegi Yaa Shamarmarii", jedhuun hedduun ishee beeku.
"Oromoon Fardaan Dabaale" wallee biraa gurra namaarraa hinbanne dhaggeeffatoota biraan geesseetti.
Magaalaa Dirreedhawaatti dhalattee, Baha biiftuu teessee Oromiyaa lixaa weelluusheen mararfatte.
"Obboleeysi Gaariin" jettee namoota hedduu garaa raafte.
Guutummaa jireenya ishee dhimma OROMOO FI OROMUMMAA irratti of kennitee hojjachaa kan turtee Haloo Dawween, yeroo mara waan Oromoo fi Oromummaa guddisu irratti waan qabdu mara gumaachaa nama tureedha.
Kutattuu Afran Qalloo, Haadha qabsoo Oromoo kan taate Wallistuu Haloo Daawwee Seenaan ishii barruu gabaabaa keessatti kan himamee dhumuu miti. Haloon dhibee jabduu sukkaaraafi olka'iinsa dhiigaa waggootaaf irra ture dandamachuu dadhabuun gidiraa addunyaa kanaarraa boqotteetti. Rabbiin jannataan haa qananiisuu. Maatii fi firoottan ishii hunda jajjabiina haa kennuuf !
Comments
Post a Comment