Ayyaanni Irreechaa
"Ayyaanni Irreechaa karaa nagaafi tasgabbii qabuun kabajamuun isaa guddummaa fi hammattummaa Oromoo kan mirkaneessedha" Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa BKO
--------
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Arsadee karaa duudhaa isaa eeggateen, bifa nagaafi tasgabbii qabuun kabajamee xumuramuu isaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Qaamota ayyaanichi karaa nagaafi tasgabbii qabuun kabajamee akka xumuramu gumaacha taasisanis galateeffataniiru.
Ayyaanni namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman biyya keessaafi biyyaa alaa irratti hirmaatan karaa duudhaa isaa eegeefi tasgabbii qabuun jalqabamee xumuramuun hiika guddaa qabaachuu Obbo Hayiluun himaniiru.
Kunis, duudhaafi aadaa Oromoo addunyaatti kan mul'ise, guddummaafi hammattummaa Oromoo kan mirkaneesse, hariiroo obbolummaa uummanni Oromoo sabaaf sablammoota Itoophiyaa waliin qabu daran kan jabeesse, yaa'insa turistii biyya keessaafi alaa kan si'eesse ta'uu hubachiisaniiru.
Gama biraan Irreechi karaa sirnaafi duudhaa isaa eegeen tasgabbiin kabajamee milkiin xumuramuun isaa humnoota siyaasaa amantaa dawoo godhachuun duulaafi maqa balleessii garaagaraa Irreecha Oromoo irratti geggeessaa turan kan qaanesseefi abdii kan kutachiise ta'uus Obbo Hayiluun eeraniiru.
Qaamota Irreechi karaa nagaan akka kabajamu gumaacha taasisan Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Foolleewwan, Qeerroofi Qarreen, dargaggoota, hooggansaafi caasaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Magaalaa Finfinnee, caasaalee nageenyaa feferaalaa, Naannoo Oromiyaafi Magaalaa Finfinnee, jiraattota magaalaa Finfinneefi Bishooftuu, waliigala uummata Oromoo hunda Ayyaanichi karaa nagaa, duudhaafi sirna isaa eegeen akkasumas hirmaattoonni ayyaanichaa rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan ba'anii akka galan gumaacha taasisan Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddisee kan galateeffatu ta'uu ibsaniiru.
Gama biraan ogeeyyiin miidiyaa biyya keessaafi biyya alaa ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa araaraa, dhiifamaafi jaalalaa ogummaa isaaniin dabaalanii ijaafi gurra uummata addunyaa biraan ga'anis Obbo Hayiluun galateeffataniiru.
Comments
Post a Comment