Biyyoonni Addunya Ameerika Mohufii
Biyyoonni Addunyaa Ameerikaa moohuuf, Waraana Dirree Ameerikaa irra geessuu qabu.
Biyyoonni Addunyaa hedduun Ameerikaan kan wal lolu dirree ofii irrattiii fi Dirree Biyyoota biroo irrattiidha. Garuu Ameerikaan Dirreen Waraanaa biyya ishii Ameerikaa irratti yoo Uumame salphaatti injifatamti. Sababni isaa Ummanni Ameerikaa akka Ummataa fi Biyyaatti Waggaa 250 oliif waraana argee hin beeku. Ameerikaan Wataaddara ishii malee Ummanni ishii Wal waraansa hin beeku. Kanaan Dura 9/11 yeroo fooqiin ykn Gamoon tokko gubatu Ameerikaan guutuun hamma collapse godhu gahe guyyoota muraasaaf. Osoo Biyyoonni Addunyaa biroo Wal waraansa Dirree Ameerikaa geessanii Ummanni isaa ni diigama. Ummanni Ameerikaa, akka Ummata Russia waraana hin beeku. Akka Ummata Addunyaa biroo Waraanni irratti tahee hin beeku. Waraanni Addunyaa 1ffaa fi 2ffaaniis, Waraanaawwan sana boodaas achitti hin taane. Erga Ameerikaan Sivil waariitii waraana hin beekan. Kanaaf Biyyoonni Addunyaa biroo Ameerikaa injifachuu yoo barbaadan Waraana Dirree Ameerikaa irra geessuudha.
Kanaan Ala Waraanonni Halaalatti Ameerikaa waliin taasifamu Ameerikaaf Daldalaa fi Diinagdee cimaadha.
Comments
Post a Comment