BU'UURA IDA'AMUU🇪🇹

Bu'uura lda'amuu

Ida'amuuf yookiin hanqina qofummaa keessaa ba'uuf ta'an keessaa kaayyoo waloo qabaachuu fi kaka'umsa (fedhii) qabaachuun barbaachisoo dha. Isaan kana lamaan bu'uura ida'amtummaati jechuu dandeenya. Kaayyoo waloo qabaachuun bu'uura ida'amuu isa tokko yommuu jennu, ida'amuun garaagarummaa ce'uudhaan kaayyoo fi faayidaa waliiniif hiriiruu waan filatuufi. Garaagarummaa kamiyyuu keessatti kaayyoo waliinii bu'uura godhachuun wal-tumsuudhaan bu'aa fiduun ni danda'ama jedhee yaada.
 Injifannoon Adwaa kan dhugoome garaagarummaa keessa keenya jiru ce'uun kaayyoo walootiif waan hiriirreefi.
Kaayyoon waloo jiraachuu fi injifannoo waloo nama goonfachiisa. Kaayyoo walootiif hiriiruun wal-dorgommii fi wal-tumsa nageenyi isaa eegamee fi madaallii isaa eege akka jiraatuu fi humna keenya akka sassaabannu kan nu gargaaru dha. Madaallii wal-dorgommii fi waliitumsuu gidduu jiru eeguun baay'ee barbaachisaa dha. Isa tokko dhiisnee isa kaan qofa irratti yoo xiyyeeffanne kaayyoo waliinii mirkaneeffachuu fi waliin jiraachuu itti fufsiisuun hin danda'amu. Fakkeenyaaf, biyya keenya keessatti daldaaltonni bunaa wal dorgommiin yeroo isaan gidduutti jiraatu buna qulqul'inni isa fooyya'aa ta'e gabaaf akka dhihaatuuf daandii banu. Akka waliigalaatti seektarichi rakkoowwan isa mudatan hiikuuf immoo tumsa barbaachisa. Qonnaan bultoota buna oomishan waliin gargaaruun, kuusaa buna ammayyaa waliin ijaaruun, akkasumas biyyi keenya mallattoo daldalaa tokkoon oomisha bunaa akka gabaa addunyaaf dhiheessituu fi mirgi abbummaa
akka nuu mirkanaa'uuf waliin hojjechuun barbaachisaa dha. Taatonni adeemsa oomishaa fi gurgurtaa bunaa keessa jiran gamtaan otoo wantoota kana irratti hojjetanii seektarichi akka bu'aa agarsiisu ni taasisu, akkasumas itti fayyadamummaa walii isaaniis ni mirkaneeffatu. Namoonni kaayyoo waloo irratti yommuu wal-ta'anii hojjetan rakkoolee biro kanneen irratti waliif hin galle furuuf kaappitaala ka'umsa horatu. Namoonni yeroo kaayyoo waloo isaanii dhugoomfachuuf carraaqanitti walii galuu fi wal-hubachuu eegalu. Daandii ittiin ida'umtummaa uumnu keessaa tokkoo wal-hubachuu danda'uu dha. Ida'amuun wal-hubannaa fi wal-deggersa namoota, sirnoota yookiin murnoota garaa garaa gidduutti uumamu irraa duudhaa argamu dha
Walitti dhufeenyi kamiyyuu kaayyoo waloo xixiqqoo jedhaman irraa eegala. Yaadni ida'amuus walitti dhufeenya xixiqqoo yookiin gad-aanoo ta'an haala gaarii fi nageenyaan adeemsisuun gara kaayyoo ol-aanaa taatummaatti kan nu geessu dha.
Kaayyoo waloo bu'uura godhachuun tattafachuun dandeettii waloon hojjechuu fi maalummaa waloo (common identity) uummachuu nu dandeessisa. Maalummaan waloo uumuun immoo hojjetamee yeroo tokkotti waan dhumu osoo hin taane, yeroo hunda ijaaramaa kan guddatu dha. Maalummaan waloo ijaaramaa kan adeemu immoo kaayyoo waloo irratti yeroo wal-tumsinu dha. Kaayyoon waloo addummaa dhala namaa gidduu jiru bu'uura kan godhate sababa ta'eef, namni kaayyoo waloo kana hin tumsine sababa nagaa ta'ee qabaachuu hin danda'u. Kanaaf, yaada ida'amtummaa jalatti osoo wal hin gufachiisin maalummaa waloo dhugoomsuuf haalota mijatoo uumuun ni danda'ama. Kunis taatummaa ol-aanaa dhugoomfachaa jireenyaa fi itti-fufiinsa keenya mirkaneeffanna.
Bu'uurri ida'amuu inni kan biraan immoo kaka'umsa fedhii irratti hundaa'e qabaachuu dha. Kaka'umsa jechuun namni kamuu naannoo
jiraatu yookiin hojjetu keessatti walitti dhufeenya taasisu irraa maddu dha. Balbala ofii cufatanii jijjiirama kamuu irraa adda of-baasuun hanqina qofummaadhaan tortoranii baduu irra, balbala ollaa deemanii rukuchuu jechuu dha. Kaka'umsa jechuun amaloota kanneen akka aarii fi hafuura haaloo ba'uu irraa of-qulqulleessanii, walitti dhufeenyaaf harka diriirsuu jechuu dha.
Sirnoonni maraamartoo hanqina qofummaa irraa adda ba'uun gara jijjiiramaatti fuulleeffachuuf namoota naannoo isaanii keessatti walitti dhufeenya uumuuf kaka'umsa qaban barbaachisa. Hayyoonni yookiin beektoonni waliitti dhufeenya garaa garaa jiru mara hubachuuf carraa addaa waan qabaniif kaka'umsa uumuuf carraaquu qabu. Sirnoonni hayyoota ga'umsa qaban hedduu of-keessaa qabu, hanqina qofummaa sirriitti hubachuun sirnicha haala qabatamaa naannoo waliin walitti fiduuf   namoota   kaka'umsa   qaban   horachuuf   itti   salphata.
Sababni kanaas sirni kamiyyuu amala wal-xaxaa waan qabaniif, hanqina qofummaa keessatti tortoruu isaanii hubachuun isaan rakkisa. Namni sirnicha keessa jiru tokko, qaama sirnichaa ta'ee utuu jiruu tortoruu sirnichaa hubachuun itti cima. Namoonni sirnicha keessa hin jirre garuu, tortoruu sirnicha salphaatti hubachuu danda'u. Hayyoonni ga'umsa qaban garuu sirnichuma keessa iyyuu ta'anii tortoruu sirnichaa hubachuun itti hin cimu. Kanaaf, hayyoonni sirnicha badiisa irraa hambisuuf   kaka'umsaan   walitti   dhufeenya   uumuu   danda'u
Ida'amtummaan hirmaannaa fi kaka'umsa hayyootaa fi namoota hayyoonni dursanii gaafata. Ida'amuun namoota ofitti harkisuu osoo hin taane, kaka'umsa yookiin deemsa ofii kan bu'uura godhate dha. Maanguddoonni illee yommuu nama walitti araarsan, "mee sitti haa hafu" kan jedhaniif, "anumatti haa hafu" jennee walitti dhufeenya kaka'uu barbaachisa. Kanaaf, bu'uura ida'amuu keessatti namatti yookiin murnatti sababeeffachuun hiikkaa hin qabu. Abaluun "hin dhufu" naan jedhe jedhanii komachuurra, demsa yookiin imala ofii itti fufuu gaafata. Kaka'umsa akkasii keessattidha ida'amtummaan dhugoomuu kan danda'u.

Kaka'umsa namoota irratti hundaa'uudhaan, ida'amtummaan sadarkaa garaa garaatti sadiitti qooduun ni danda'ama. Isaanis: kara deemtummaa, keessummummaa fi abbummaa yookiin abbaa manummaa dha.

Comments

Popular posts from this blog

SEENA ARTIST HALLOO DAWWEE

R. I. P🙏 Artist Halloo Dawwee

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa, Irreechaf Dhamsa Dabarsaniiruu...