Ergaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimelis Abdisa

Ergaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimelis Abdisa 
Yeroodha yerootti tooftaa haaraa, teknoloojii haaraa qonna keenyaaf fidaa jirruun dabalata, karoora humnaafi carraa ummata keenyaa giddugaleeffateen qonni keenya wagga waggaatti bu’aa raajii ta’e argamsiisaa jira. 

Bara kanas gama hundaan bara karoora xiiqii qabannee ittihojjechaa jirru yoo ta’u, jalqabbiinsaas milkii gurguddaan kan dabaalamee ta’aa jira. 

Kanaaf karoorri keenya kan xiiqii qofa osoo hintaane karooraa milkiis akka ta’e mirkaneeffachuu jalqabneerra. 

Keessumattuummoo seektara qonnaatiin milkiin keenya dachaa dachaa ta’aa jira. 

Galmoota gurguddoo seektara qonnaatiin milkeessuuf qabannee keessa tokko wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu yoo ta’uu, omisha midhaan nyaata keenya dabaluufi hedduminaa akaakuu midhaani omisha nyaataaf oolanii dabaluufi baay’inaan omishuuf kutannoon hojjetamaa jira. 

As keessaa tokko hojii omisha qamadii yoo ta’uu, qonna ganna kanaatiin qofa lafa hektaara miliyoona 2.2rratti misoomsuun danda’ameera. 

Qamadii jallisiidhaan misoomsuuf karoorfame, lafa hektaara miliyoona 2.5 waliin walitti callaa kuntaala miliyoona 180 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. 

Godinoota omishni qamadii hedduminaan itti omishamaa jiru keessaa tokko godina Arsii Lixaa, Aanaa Dodolaa yoo ta'uu, qamadiin qonna gannaatiin godinichatti misoomaa jiru haala gaariirratti argama!


Comments

Popular posts from this blog

SEENA ARTIST HALLOO DAWWEE

Kottaa Ofis baraa, Walis baraa

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa, Irreechaf Dhamsa Dabarsaniiruu...