Gibiraafi Taaksii Yeroon Kaffaluun Guddina Biyyaa Ariifachiisa!
Gibiraafi Taaksii Yeroon Kaffaluun Guddina Biyyaa Ariifachiisa!
Yaadataa Juneeydi (Muraad Saanii ) Goota
👑Abbaan Qabeenyaa Urjiin Biyyaa, Guyyaa Arraa kaffaltoota Gibiraa Amanamoo Ta'aniif Beekkamtii Fi Badhaasa Muummee Keenya Dr Abiy Ahmed Ali Harkaa fudhateera.
Siif Mala Goota Koo‼
#Gibiraafi Taaksii Yeroon Kaffaluun Guddina Biyyaa Ariifachiisa!
Gibiraafi taaksii yeroon kaffaluun guddina biyyaa ariifachiisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Jijjiirama hunda galeessa utubaa jabaa qabu galmeessuuf galiin biyyaa itti fufinsa qabu jiraachuun dhimma bu’uuraati. Sochiiwwan taasifaman kamuu milkaa’inaan xumuruuf madda galii jiru irraa sirnaan yoo walitti qabameedha. Maddi galii jiraachuun qofti gahaa waan hin taaneef, galiifi taaksii yeroo isaa eeggatee kaffalamuu qaba. Kun ammoo jijjiirama diingdee damdaneessaa fiduufi bu’uuraalee misoomaa karaa saffisaaf qulqullummaan yeroo qabame keessatti akka xumuramu taasisa. Kanaaf kaffalaan gibiraa yeroofi amanamummaan kaffaluun dirqama lammummaa bahachuu qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjachaa jira. Kanaanis bu’aan gaariin mul’achuu danda’eera. Akka naannichaatti waggoottan shanaan darbaniin duratti galiin waggatti argamu qarshii bil.16 kan hin caalle ture, hojii guddaan gama kanaan hojjatamaa tureen hanga bara 2015tti galii qarshii bil. 74tti ol guddisuun kan itti danda’ameedha. Bu’aa gama kanaan galmaa’aa jiru caalmatti cimsuuf Mootummaan karoora xiiqii hiixataa ta’e baafachuun hojii bal’aa hojjachaa jiru akka milkaa’uuf hunduu gaheesaa bahachuu qaba.
Hojii sassaabbii gibiraafi taaksii bara bajataa 2016tin galii qarshii bil.144 walitti qabuuf karoora xiiqii qabachuun sochiin taasifamu kan milkaa’uu danda’u yoo kaffalaan gibiraafi taaksii galiin yeroon, amanammummaafi miira quuqama biyyummaatin kaffaluu danda’eedha. Kanaaf sirna kaffaltii gibiraafi taaksii mootummaan hammayyeessaa jirutti fayyadamuun kaffaluun dhimma murteessaa ta’uun hubatamee hojitti hiikkamuu qaba.
Comments
Post a Comment