Haqni Abbaa Haqaatif
HAQNII ABBAA HAQAAF!
Haqnii abbaa qaba. Abbaa haqaa immoo humnaan hinta’an. Dhugaan ta’an. Dhugaa abbaan haqaa qabu nama haqa beeku qofatu beeka. Namnii haqa beeku akkuma haqa ofiitif qabsaa’u haqa nama biraallee hubata.
Dhugaan yoo dhufte haqa abbaa haqaatif ijibbaata. Bakka haqnii nama biraa haqa innii loluuf caaletti harka kennata. Dubbii ijibbaata.
Haqa kennee boojuu filachuun lubbuu ofii barara. Haqnii haqa hindanqu. Haqnii isaa haqa abbaa humnaa caalee argamee abbaan humnaa humnaan isaa caallan haqa ofiitif dua’a. Lubbuu ofii ijibbaata. Wareegama jechuun kana. Naannnoo keenyatti dhimma haqaa kana warra bineensa adamsu irraa baradhe.
Bineensallee keessaa mootii bineensa warra Leenca adamsu. Leencii goota waan ta’eef namnii Leenca Ajjeeselleen akka gootatti ilaalama. Dur gaafa meeshan Ammayyaa hinjirree Leenca Eboon ajjeesan. Eboon tokkottiin Leenca yoo madeessite malee hin ajjeeftu. Kanaafuu dhiira hedduutu eboo hedduun walti Dirmaate ajjeessa. Leenca tokkoof humnii ga’aan Dhiira(nama) soddomaa jedhamee dubbatama.Dhiirallee “Ka Gaadee/Ilkaan soddomaa ka soddoma dhiiraa naannessu” jedhan.
Leenca ammo nama jalqaba waraanetu“Mirgaan” galata(Abbaa mirgaa ta’a). Namni tokko yoo jalqaba dursee Leenca eboon waraanee madeesse haga fedhe madaan xiqqoo taatullee gaafa dhiirtii soddomaa itti birmattee ajjeefte “Mirga Leenca du’ee namuma jalqabaa madeesse suniif dabrsanii kennan.
Hinfalmaniin. Leencii ergaa madaa’en duuba namoota Ajjeessuuf dhufan hedduu ajjeesuu danda’a.
Garuu haga fedhe ajjeessuullee ergaa du’een booda namuma jalqaba madeessen himama. Dhiirtii haqa walhinfalmitu. Haqa waliif ijibbaatti. Leenca nama lubbuu baasemiti nama madeessetu ajjeesse. Dhiirallee namuma(Warruma) jalqaba madeessetu ajjeese malee nama lubbuu baasemiti. Haqa madaa’e fayyyisuuf “Madaa” irraa ka’anii ilaalan malee lubburraa jalqabanii hindubbatan.ittiin Buhaara Jechuumaafi Halkan gaarii!
Comments
Post a Comment