Irreechi Hora Finfinnee Karaa Duudhaa Isaa Eeggateen Akka Kabajamuuf Ga'ee Keessan Waan Ba'attaniif Galatoomaa" Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
"Irreechi Hora Finfinnee Karaa Duudhaa Isaa Eeggateen Akka Kabajamuuf Ga'ee Keessan Waan Ba'attaniif Galatoomaa" Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Irreechi Hora Finfinnee karaa nagaafi miidhagaa ta'een akkasumas duudhaafi sirna isaa eeggateen kabajamee xumurameera. Kunis, Irreechi ayyaana galateeffannaa araaraa, dhiifamaa, jaalalaa, nageenyaa akkasumas tokkummaafi obbolummaan olka'ee itti mul'atu ta'uu isaa mirkaneessee jira.
Ayyaanni namoonni miiliyoona hedduutti lakkaa'aman biyya keessaafi biyya alaa irratti hirmaatan karaa nagaan kabajamee xumuramuun isaa uummanni keenya uummata nagaa jaalatu; aadaafi duudhaan keenyas nagaaf bakka guddaa kan kannu waan ta'eef naannoofi biyya keenyaaf injifannoo guddaadha.
Kanaafuu, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Qeerroofi Qarreen, Foolleen walumaagalatti uummanni Oromoo hundi Aadaa keenya tiksitanii akkuma asiin geessan har'as ulfoo Oromootti kabaja horuufi nageenya ayyaanichaa eegsisuun Irreechi Hora Finfinnee milkiin akka xumuramu waan taasiftaniif irra deebi’ee isin galateeffachuun barbaada.
Hoggansaafi jiraattota magaalaa Finfinnee, sabaaf sablammoonni, caasaaleen mootummaa sadarkaan jirtan, keessummoonni Idil Addunyaa, caasaaleen nageenyaa Mootummaa Federaalaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Naannoo keenyaa hundi ayyaanni Irreechaa karaa duudhaafi sirna isaa eeggateen akka kabajamu akkasumas hirmaattonni ayyaanichaa rakkoon nageenyaa osoo isaan hin muudatiin akka kabajatan gumaacha guddaa waan taasiftaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa isiniif galcha.
Gama biraan ogeeyyiin miidiyaa biyya keessaafi biyya alaa ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa araarri, dhiifamni, nageenyiifi jaalalli itti lallabamu tokkummaafi obbolummaan itti daraaru ta’uu bira darbee duudhaa araaraafi dhiifamaa addunyaan irraa barachuu qabu akka ta'e ogummaa keessaniin dabaaltanii ijaafi gurra uummata addunyaatiin geessan hundi galatoomaa jechuun barbaada.
Xumura irrattis, akkuma Irreechi Hora Finfinnee karaa nagaan kabajamee xumurame, Irreechi Hora Arsadee guyyaa boruu magaalaa Bishooftuutti kabajamus bifa ulfoo Oromoof ulfina kenneefi guddummaa keenya agarsiisuun akka Irreeffatamuuf gummaacha isin irraa eegamu akka taasiftan waamicha koon dhiyeessa.
Oromiyaa ni ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fulbaana 2016
Finfinnee
Comments
Post a Comment