IrreechiAyyaana Waaqni Itti Galateeffamuufi Kadhatamu, Ayyaana Dhiifamaafi Araaraati" Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa Biiroo Kominikeeshiini Oromiyaa
" IrreechiAyyaana Waaqni Itti Galateeffamuufi Kadhatamu, Ayyaana Dhiifamaafi Araaraati" Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa Biiroo Kominikeeshiini Oromiyaa
Ayyaanni Irreechaa Ayyaana Waaqni Itti galateeffatamuufi kadhatamu, ayyaana dhiifamaafi araaraati waan ta’eef Oromoon Irreecha irratti haaloo, gadoofi jibba araaraafi dhiifamaan fixachuun bara haaraa abdii haaraan kan itti eegalu akka ta'e Obbo Hayiluun ibsaniiru. Irreechi bakka tokkummaa, obbolummaafi jaalalli itti lallabamu kan garaagarummaa amantaafi ilaalcha siyaasaa osoo hin daangeffamiin tokkummaan kabajamuufi tokkummaan Oromoo irratti mul’atudha.
Ayyaanichi Ayyaana nagaafi araaraati kan jedhan Obbo Hayiluun hawaasni ayyaanicha kabaju karaa aadaafi duudhaa isaa eeggateen ta’uu akka qabu ibsaniiru. Ayyaanni Irreechaa mallattoo tokkummaafi obbolummaa ta'e kun ayyaana ulfoo guddaa Turizimii cimsee dinagdee biyyaa guddisu waan ta’eef karaa hawwattummaa isaa dabaluufi naamusa cimaadhaan kabajamuu qabas jedhaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ayyaana galateeffannaafi araaraa kana akkuma ayyaanota biroo karaa nagaafi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf hojiiwwan garaagaraa hojjetaa kan ture ta’uu Obbo Hayiluun eeraniiru. Ayyaanichi karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamu sadarkaa hundatti uummanni mari’achuus himaniiru. Haaluma kanaan, ayyaanichi aadaafi duudhaa isaa eeggatee akka kabajamu Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Bishooftuu waliin qindoominaan hojjetamaa jira.
Irreechi feestivaala uummanni biyya keessaafi alaa miiliyoona hedduun irratti hirmaatu waan ta’eef caasaan nageenyaa uummata waliin ta’uun nageenya hirmaattotaa eeguuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Dargaggoonni hojii tola-ooltummaa hojjetan qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun kabaja ayyaanichaa sirneessuuf kan hojjetan ta’uus dubbataniiru.
Ayyaana guddaa uummanni miiliyoona hedduutti lakkaa’amu irratti hirmaatu kana hirmaattonni Ayyaanichaa nagaan bahanii nagaan akka galaniif Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Hayyoonni, Foolleen, Qeerroofi Qarreen gahee isaanii bahachuu akka qaban gaafataniiru. Jiraattonni Magaalaa Bishooftuufi Finfinnee hawaasni Ayyaanicha irratti hirmaatu nagaan akka galu tumsa barbaachisu hunda taasisuu akka qabanis yaadachiisuun qaamoleen nageenyaas ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee akka gaggeeffamu uummata waliin ta’uun hojjechuu akka qaban himaniiru.
Kabaja ayyaana Irreechaa gurraafi ija uummata biyya keessaafi alaa bira qaqqabsiisuuf miidiyaaleen gahee olaanaa qabaachuu kan himan Obbo Hayiluun sirna, aadaafi duudhaa ayyaanichaa eeganii gabaasuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Sabaafi sablammoonni ayyaanicha irratti hirmaatan Irreechi bakka jaalalli, tokkummaafi obbolummaan sabootaa itti dagaagu waan ta'eef ayyaanichi duudhaa isaa eeggatee akka kabajamu gahee obbolummaa qaban bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru. Hundaa ol ammoo hirmattonni Irreechaa, ayyaanichi nagaafi karaa duudhaa isaa eeggateen kabajamee akka xumuramuuf gahee olaanaa qaban akka bahanis Obbo Hayiluun dhaamaniiru.
Comments
Post a Comment